Qabiiyyeen kaalsiyeemii (calcium) inni of keessaa qabu, nyaata kamiinuu waan hin dorgomamnedha. Calciumiin ammoo waan lafeen ittiin ijaaramudha. Pirootiina (protein) inni of keessaa qabu faayidaa ol’aanaa kan qabuudha, qaama ijaara, madda anniisaa cimaadhas.
Akka anniisaa kennuu fi qaama namaa ijaaruun, ulfatina qaamaa garuu akka maddeen pirootina biroo garmalee hin dabalu. Elementootaa fi Vaayitaaminoota nu barbaachisan armaan gadii of keessa qaba:
- Aannan Loonii Burcuqqoo (cup) tokkichi (244 gm)
- Annisaa: 146 kcal
- Pirootiinii: 8 gm
- Cooma: 8 gm
- Kaalsiyemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 28%
- Vaayitamin D: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 24%
- Vaayitamin B2: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 26%
- Vaayitamin B12: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 18%
- Elemntii Pootassiyeemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 10%
- Elementii Pootaassiyeemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 22%
- Elementii Seleniyeemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 13% of keessaa qaba.
HUBACHIISA: Aannan loonii yoo dhugnu, kallattumaan yoo dhugne dhukkuboonni tokko tokko nutti darbuu malu. Kanaaf haga dandeenye danfisnee dhuguu qabna.